Namni Waaqayyo Waaqa isaa ta ‘eef
Attam galateefamaa dha x4

Waaqauyyoo Waaqa isaa kan waammatu
Irree fayyisuu isaa kan amanatu
Halkanii fi guyyaa inni hin bir’atu
Lubbuu kan balleessu illee hin sodaatu

Namni Waaqayyo …

Dhiphuu du’aa keessa illee yoo adeeme
Dukkana lirnixiin yoo marfame
Namni Waaqayyoon amanatu
Gufuun badiisaa isa hin argatu

Namni Waaqayyo …

Waaqayyoon Waaqa isaa kan waammatu
Irree fayyisuu isa kan amanatu
Kiyyoon adamsaa isa hin qabatu
Loltuu jabaansaa isa hin mo’atu

Namni Waaqayyo …

Da’oo Abbaatti kan jiraatu
Gaaddisa isaa jalas kan boqotu
Nagaadhaan ba’ee nagaadhaan gala
Diinni isaa kufee lafatti ilaala

Namni Waaqayyo …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *