Waan biraaf hin ta’uu
sichi an kana booda
Keessoo kootti seenee
ofii na dhuunfateeraa
Kansaa na godhateera

Nan dandeessisuumii
isarraa adda ba’ee
Waa’ee jireenyaa yaadee
Moggaatti isa dhiisee
gammachuu fi aara galfii
Iddoo biraa hin barbaadu

Maqaasaa waamtee lubbuun koo
Dheebuushee baatii yesuus koo
Kan biraa hin qabduu
Isa dhiiftee kan biraa
hin barbaaddu

Isatu fedhee mucaa koo jedhee
Jaalalaan ofitti na qabuu
Akkan dallanee bifa koo hin ganne
Ayyaanaan tumsee na dhaabuu
Na marsee jiraa naaf ta’ee firaa
An qofaa ta’ee hin beekuu
Kaleessa darbee har’a as ga’eera
Booriifis hoomaa hin shakku

Waaqayyoo koo jajuu yoon fedhee
Gaarummansaa danuudha jedhee
Isatti hin baay’atuu
yoo xiqqaatee malee
Danda’ee hin ibsuu
yooman yaalee malee

Haaleluyyaa x6

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *