Worship Songs https://www.oromo.church Sun, 30 Mar 2025 18:00:14 +0000 en hourly 1 https://wordpress.org/?v=6.7.2 https://www.oromo.church/wp-content/uploads/2020/04/cropped-OROEC-Logo-1-32x32.jpg Worship Songs https://www.oromo.church 32 32 199837651 Kottu yaa Yesus gara koo https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/kottu-yaa-yesus-gara-koo/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/kottu-yaa-yesus-gara-koo/#respond Sun, 30 Mar 2025 18:00:14 +0000 https://www.oromo.church/?p=1030 Kottuu, kottu yaa Yesus gara koo kottu
Kottu yaa Yesus gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa koo

Laaqin cubbuu na liqimsee jiraa
Qoraattiin latee na hudhuu ga’ eera
Kana ooluudhaaf homtinuu na hin gargaaru
Humna keen malee tokko illee hin oofkalu
Kottuu, kottu yaa Yesus gara koo kottu
Kottu yaa Yesus gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa koo
Waa’ ee cubbuu koof iyya koo dhaggeeffadhu
Ana bira hin darbin al-tokkoo ana mil’ adhu
Uumama harka kee ta’ uu koo ana yaadadhu
Akka arjummaa keet badiisaa ana oolfadhuu
Kottu, kottu yaa Yesus gara koo kottu
Kottu yaa Yesus gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa koo
Humna keen argee akka ati jaalala qabduu
Duuka buutoon kee akkas dhugaa siifba’uu
Anis nan fedha ayyaana kana argachuu
Ana bira hin darbin araaraan ana mil’adhu
Kottu, kottu yaa Yesus gara koo kottu
Kottu yaa Yesus gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa ko
Halkaniif guyyaa dadhabee namummaan koo
Anat mul’ate baay’isee cubbamuun koo
Ba’aa koo kanaa siyi duwwaatu ana irraa kaasaa
Akka dubbii keet anis suman abdadhaa
Kottu, kottu yaa Yesus gara koo kottu
Kottu yaa Yesus gara koo
Cubbuu koo hunda anaaf dhiisi Gooftaa koo
Hafuura keetiin haaressii namummaa koo

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/kottu-yaa-yesus-gara-koo/feed/ 0 1030
Biyyi lafaa kun ni darba https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/biyyi-lafaa-kun-ni-darba/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/biyyi-lafaa-kun-ni-darba/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:34:46 +0000 https://oromo.church/?p=1026 Biyyi lafaa kun ni darba
Badhaadhummaan isaas hundinu
Dubbiin Waaqa keenyaa hin darbu
Bara-baraan jiraata dha

Biyyi keenya isoo Waaqa irraa
Lafti abdii dhaala keenyaa
Asi hin qabnu lafa dhuunfaa
Keesummumaadhaan woo teenya

Godoon keenya inni lafa irraa
Jijjigee baduuf woo jira
Kan hin jigne mana qabna
Waaqa irraa kan bara-baraa

Gaddis yookkis yaaddoon illee
Gondumaa kan keessa hin jirre
Hamma bara-baraatii illee
Eenytu isa argata ree

Dhugaa Yesusii jedhan
Sonaan kan dhipahtan malee
Kan dhangala’e dhiigni isaa
Hamma du’a fannootti illee

Gaafasis attam gammadu
Gaarii kan godhan hundinu
Du’aa jireenyatti ni darbu
Murtiin isaan hin argatu

Hamaa ta’us gaarii ta’us
Har’a malee yoomi ree iyyuu
Adda-addaan yeroo otuu qabnuu
Kan itti of qopheessinu

Guyyaan murtii hin oollu ni dhufa
Kottaa ni damqnaa hin rafnu
Hunduu ni argataa gatii isaa
Gaafas firri illee nuyi hin oolchuu

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/biyyi-lafaa-kun-ni-darba/feed/ 0 1026
Lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/lubbuu-koo-waaqayyoon-eebbisi/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/lubbuu-koo-waaqayyoon-eebbisi/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:32:25 +0000 https://oromo.church/?p=1023 Lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi
Fayyisaa kee galateeffadhu
Gaarummaa isaa hundaa odeessi
Hin irraanfatinii yaadadhu

Waaqayyoon eebbisi
Lubbuu ko Waaqayyoon eebbisi
Tola isaas mul’isi
Aijummaa isaa hundaas beeksisi

Cubbuu kee hundumaa sii dhiise
Dhukkuba keettis si fayyise
Jireenya kee hades deebise
Ayyaanaa fi araaraan si marse

    Waaayyoon eebbisi …

    Garaa kee gammachuudhaan guute
    Namummaa kee hundaas haaresse
    Karaa qajeelaa si geggeesse
    Dhekamsa isaas si irraa fageesse

      Waaayyoon eebbisi …

      Akka cubbuu keenyaa nu hin goone
      Yakka keenyas nutti hin lakkoofne
      Tokkicha ilma isaa nuuf kennee
      Isaan jaalala isaa hubanne

        Waaayyoon eebbisi …

        ]]>
        https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/lubbuu-koo-waaqayyoon-eebbisi/feed/ 0 1023
        Halkanii fi guyyaa eegdu keenya https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/halkanii-fi-guyyaa-eegdu-keenya/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/halkanii-fi-guyyaa-eegdu-keenya/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:28:14 +0000 https://oromo.church/?p=1020 Halkanii fi guyyaa eegdu keenya ta’ee
        Waaqayyoo haa ulfaatu inni har’aan nu ga’ee
        Halkanii fi guyyaa eegduu keenya ta’ee
        Gooftaa haa galatu isa har’aan nu ga’ee

        Kan si eegu hin dagatu
        Ijoollee isaa hin irraanfatu
        Waaqa Israa’el galata kee
        Nu badhaasaa turtee nagaa fi araara kee
        Nu badhaasaa turtee nagaa fi araara kee

        Halkanii fi guyyaa…

        Irraan-olee, kirraan-gadee
        Nu wajjiniin dabarseera
        Kan beela’ee fi kan dheeboteef
        Nagaa fi jioreenya laateera
        Galanni isa haa ga’u, arjaa bara-baraa

        Halkanii fi guyyaa…

        Dhuma hin qabu jaalalli isaa
        Nu wajjiniin Hafuurri isaa
        Bara-baraan nu geggeessa
        Waaqa jiraataan ulfina-qabeessa
        Waaqa jiraataan ulfina-qabeessa

        Halkanii fi guyyaa…

        Waaqa eebbaa tiksee gaarii
        Si’achi immoo nu gargaari
        Karaa keenya nuyif eebbisi
        Hammuma dhumaatti kottuu nu geggeessi
        Hammuma dhumaatti kottuu nu geggeessi

        Halkanii fi guyyaa…

        ]]>
        https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/halkanii-fi-guyyaa-eegdu-keenya/feed/ 0 1020
        Jaalala attamii ti https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/jaalala-attamii-ti/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/jaalala-attamii-ti/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:25:18 +0000 https://oromo.church/?p=1018 Yesus isa naa du’e yommuun yaadu Moot
        Anaanoo bayy’ee na dhibaa jaalala attamii ti

        Jaalala attamii ti jaalala attamii ti
        Inni ati naaf raawwatte
        Qaraaniyoo fannootti
        Jaalala attamii ti jaalala attamii ti
        Inni ati naaf raawwatte
        Qaraaniyyoo fannootti

        Yesus isa naa du’e jaalala isaa gochuuf
        Akkuma isaatu na dhiba deebisee dubbachuuf

        Jaalala attamii ti…

        Cubbuu otuu hin qabaatin qulqulluu Mootii ko
        Garuu cubbuu koof jettee dhaquun kee iddoo rakkoo

        Jaalala attamii ti…

        Yaa Mootii biyya-lafaa Yesus ko Gooftaa ko
        Jaalala kee isa gaariif na gorsi yaada koo

        Jaalala attamii ti…

        ]]>
        https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/jaalala-attamii-ti/feed/ 0 1018
        Yaa ilma Waaq nuyif birmadhu https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yaa-ilma-waaq-nuyif-birmadhu/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yaa-ilma-waaq-nuyif-birmadhu/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:22:29 +0000 https://oromo.church/?p=1016 Yaa ilma Waaq nuyif birmadhu
        Hafuura kee nuyif ergi
        Yeroo kana nu eebbisi
        Karaa qajeelaatti nu geessi

        Maqaa keef afaan keenya bani
        Ayyaana kee nu beeksisi
        Amantii keenya baayy’isi
        Sagalee kee nu barsiisi

        Achi waaqa irratti hamma jennutti
        Warra qulqullota wajjin
        Waaqayyo arjaa qulqulluu
        Kan akka isaa hin argannu

        Hooqubaan Abbaa dhaa fi ilmaaf
        Hafuura Qulqulluu dhaafis
        Tokkicha amantii keenyatti
        Bara-baraan haa ta’u

        ]]>
        https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yaa-ilma-waaq-nuyif-birmadhu/feed/ 0 1016
        Kotaa ni galateeffannaa https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/kotaa-ni-galateeffannaa/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/kotaa-ni-galateeffannaa/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:19:53 +0000 https://oromo.church/?p=1014 Kotaa ni galateeffannaa haalle-luuyyaa ! (4x)

        Mooraa keessatti dhalate haalle-luuyyaa !
        Ilmi Mootii guddaadhaa haallee-luuyyaa !

        Kotaa…

        Akka namaatti guddate haallee-luuyyaa !
        Ogummaa abbaasaatiin haalle-luuyyaa !

        Kotaa…

        Qaraaniyootti aarsaa ta’e haallee-luuyyaa !
        Du’a immoo mo’ee ka’e haallee-luuyyaa !

        Kotaa…

        CubbuuttiinuQulleessa haallee-luuyyaa !
        Yoo amannee jiraanne haallee-luuyyaa !

        Kotaa…

        Isaa wajjin adeemna haallee-luuyyaa !
        Waaqa irraa mana qabna haallee-luuyyaa !

        Kotaa…

        ]]>
        https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/kotaa-ni-galateeffannaa/feed/ 0 1014
        Ilaalaa Hoolaa Waaqayyoo https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ilaalaa-hoolaa-waaqayyoo/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ilaalaa-hoolaa-waaqayyoo/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:16:02 +0000 https://oromo.church/?p=1011 Ilaalaa hoolaa Waaqayyoo
        Isa Nuuf jedhee du’e
        Inni guddaa dhama’e woo
        Siin immoo fayyisuudhaaf

        Siin immoo, siini immoo
        Siin immoo fayyisuudhaaf

        Inni namootaaf du’eera
        Cubbuu issaniis baateera
        Hundumaa ofitti ni waama
        Siini immoo inni ni waama

        Siin immoo, siini immoo
        Siin immoo, inni ni waamaa

        Inni cubbuu keenya baatee
        Nuyifis jedhee dhiphate
        Abbaa isaa tiif abboomamee
        Siin immoo ni fure

        Siin immoo, siini immoo
        Siin immoo, ni fure

        Egaa amma fayiteetta
        Ayyaanas argateetta
        Si’acc hi sonaan of eeggadhu
        Yesus dhuunfaa kee ti woo

        Siifi immoo, siifi immoo
        Yesus dhuunfaa kee ti woo

        ]]>
        https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ilaalaa-hoolaa-waaqayyoo/feed/ 0 1011
        Eebba isaa nuu kenne Gooftaan https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/eebba-isaa-nuu-kenne-gooftaan/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/eebba-isaa-nuu-kenne-gooftaan/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:12:26 +0000 https://oromo.church/?p=1008 Eebba isaa, eebba isaa eebba isaa
        Nuu kenne Gooftaa faarfanna
        Kanaan waan nu ga’eef
        Maqaa isaa weeddifna
        Ilillee fi gammachuun galata galchina

        Kiyyoo diina keenyaa, jigsee, jigsee, jigsee
        Fuula keenya turee kan nu sodaachise
        Nu homaa hin dandeenye maqaa Gooftaa waamne
        Isatuu humna isaatiin mo’icha nuu kenne.

        Eebba issa…

        Humni keenya bu’ee abdiin keenyua dhumee
        Waan jennus wal’aallee teenye wal ilaalle
        Dhiphina keenya arge YESUS nuu birmate
        Maqaan isaa haa ulfaatu teessoon isaas jabaatee

        Eebba issa…

        Haalloo diina keenyaatti dabarsee nu hin laanne
        Lubbuu keenya eegee jireenya nuu kenne
        Mo’icha argannee kunoo dhaabanneerra
        Galata kee jenna Waaqa Abbaa araara.

        Eebba issa…

        ]]>
        https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/eebba-isaa-nuu-kenne-gooftaan/feed/ 0 1008
        Yesus na bira hin darbin https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-na-bira-hin-darbin/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-na-bira-hin-darbin/#respond Sun, 09 Mar 2025 17:06:59 +0000 https://oromo.church/?p=1003 Yesus na bira hin darbin
        Maaloo kottu
        Warra kaan yommuu barbaaddu
        Ana immoo yaadadhu

        Yesus Kristoos, maaloo kottu
        Warra biraa yommuu kaaftu
        Nan immoo yaadadhuu

        Miilla keetti hirkadhee taa’ee
        Sin araarfadha
        Lubbuun koo yommuu dhiphattu
        At na jabessi

        Yesus Kristoos…

        Kunoo gara kee nan dhufa
        Waa himachuu dhaaf
        Dhimma koo naa hubadhu kaa
        Yaa Fayyisaa koo

        Yesus Kristoos…

        Ati woo gammachuu koo ti woo
        Fayyisaa kootis
        Ati anaaf hundumaa dha
        Yaa qoricha ko

        Yesus Kristoos…

        ]]>
        https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-na-bira-hin-darbin/feed/ 0 1003