Itti qabsiisi abidda Hafuuraa
Hafuurri isaa iyyuu walitti guuraa
Gaara gad buusee dachaa ol kaasee
Saba lafa irraa walitti dachasee
An nan burraaqa natti tolee
Diina koo Yesustu naa loleĀ (2x)

Inni arguu dhabe jaamaan ha ilaalu
Itti qabsiisi naafti ha utaaluu
Hidhaan kan jiru hidaati ha hiikamu
Ulfinni kee Gooftaa hundatti ha himamu

Itti qabsiisi…

Inni nuun mormu tulluun haa jigu
Sabni lafa irraa humna kee ha argu
Inni nu duraa galaanni ha dhaabatu
Diinni lubbuu keenyaa gubatee ha wowwaatu

Itti qabsiisi…

Jireenyi bu’aa – ba’iin wal haa qixxaatu
Ulfina keef Gooftaa dhagaan haa dubbatu
Saaqii ti itti seeni laphee saba kee
Keessa keewwadhu yaada garaa kee

Itti qabsiisi…

Dubbiin Wangeelaa abiddi Hafuuraa
Kunoo Mo’aa jira saba lafa irra
Waaqayyo ni mo’a inni hundaa caala
Na gammachiise woo kanaafan utaala

Itti qabsiisi…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *