Mannaan gad nuu bu’eeraa
Hin beelofnu nu quubseera
Hafuura isaatiin nu qaqqabeera
Ishoo kunoo dhaabanneerra
Gooftaan ulfina isaaf mana isaa keessatti
Jabeesse nu dhaabe akka hinraafamnetti
Beelofnee yammu turre mannaa nu nyaachise
Dheebonnerra jennaan
Bokkaa isaa nuu roobse (2x)
Mannaan…
Arjummaa isaa fi araara isaa arganneerra
Fuula ifaadhaanis Gooftaan nu ilaaleera
Waaqa keenya Gooftaatti baay’ee itti gammadna
Kan nu dhaabe isa
Faarfannaan jajanna (2x)
Mannaan…
Galattom jenna ya WAAQ WAAQA keenya
Ilillee fi gammachuun maqaa kee weeddifnna
Ati nu gidduu jirta dinqii kee argineerra
Mataa diina keenyaa irra
Kunoo nu dhaabanneerra (2x)
Mannaan…