Qooqa ga’aa otuun qabaadahee
Sagalee mi’aa’aan
Ulfinan sii kenna Gooftaa
Aarsaa urga’aan
Gochaan kee baay’ee baay’ee dha
Hin fixu odeessee
Galatuman sii galcha
Baay’ee baay’isee (2x)
Garaa balli’inni kan kee baay’ini jaalala kee
Ofitti na booji’ee na bubbulche mana kee
Maal eessumatti argama ya Waaq gaariin akka kee
Hubanna naman oli
baay’inni araara kee (2x)
Qooqa ga’aa…
Attam attam gaarii dha maqaa keen waamamuun koo
Iddoo gabii fi booqonnaa mana kee jiraachuun koo
Gaarummaa kana hundumaaf ani waanan godhe hin qabu
Sumatu na badhaasee
ulfinni siif haa ta’u (2x)
Qooqa ga’aa…
Isa kamiinan himee isa kamiinan dhiisaa
Odeeffamee woo hin dhumuu gochaan kee baay’inni isaa
Yaada koo hundaanis yaadee bira ga’uu hin danda’u
Akkasumattan jedha
galanni siif ha ta’u (2x)
Qooqa ga’aa…