Ya Waaq na maari akka gaarummaa keeti
Natti Araarami, natti araarami
Yesus na maari, akka gaarummaa keetti
Natti araarami, natti araarami
Yakki koobaay’ee dha, irra daddarbaan koo
Natti dhaga’amaa, baay’ee cubbamuun koo
Akka jaalala keeti, jiraachuu dhiisuun koo
Si gaddisiiseera, si’iin ya Uumaa koo
Ya Waaq…
Akka Waaqummaa keetti siin hin waaqeffanne
Ulfina siif ta’us guutummaatti si hin laanne
Humna fayyisuu kee, argee akka hin arginee
Garaan koo ni jabaate, mamiidhaan guutamee
Ya Waaq…
Beekaas otuu hin beekin si gaddisiiseera
Kan si hin gammachiifne baay’ee raawwadheera
Qalbii jijjiirradhee kunoo amma dhufeeraa
Natti araarami ya Waaq abbaa araaraa
Ya Waaq…