Qaaliidha gatiin koo dhiiganan biitamee
Gaatii salphaa mitii kan natti baafamee
Amma garba mitii ta’eera mucaa kee
Simboof qajeelumman buufadhe ayyaana kee

Ulfinni kee narra jira ulfinni kee x4
Dibanni kee narra jira dibanni kee x4
Ayyaanni kee narra jira ayyaanni kee x4
Afuurri kee na keessa jira afuurri kee x4

Adunyaa kee keessan jiraa ahaa ahaa
Nagaa guddaa si bira argateeraa
Situ mi’eesse yesus gatii koo
Sirraan dhaladhee si’i sanyiin koo

Dukkana koo ibsitee barrikoos ifeeraa
Gooftaa koo si wajjinii ulfina argeeraa
Waanjoo koo cabsitee birmaduu na baaftee
Eebba waaqarraatiin anan na eebbiftee

Of keessa na dhoksitee
Mirga kee na teessistee
Urgeessite foolii koo
Jijjirteem maqaa koo
Jijjirteem seenaa koo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *