Si qabaachuun si wajjiin jiraachuunii
Akkam gaariidhaa fooliikeen wal baruunii
Gooftaa koo sit na keessa jiraataa
Hafuurrii kee lubbuu koof nagaa laataa

Nagaan koo sidha anaaf nagaan koo x4

Wanti ilaalamuu kan dhaga’amuu
Hundumtuu nama raasaa
Nagaa koo sarbee hamilees cabsee
Mogolees nama buusaa

Sagaleen kee abdii natti horeeraa
Nagaa hin dabarree si biraa argadheeraa

Bara koo situ eebbisee nagaan koo si’in guutuudhaa
Boqoteera jireenyiikoo gammachuun koo sidhaa
An kan ofiikoo mitii sit na keessa buufatee
Laliseera jireenyi koo anan sit na dhuunfatee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *