Jaalallii kee x3 na dhibeem anaanii
gatii baastee x3 fayyiftee anaanii

Yaadannoo oolmaa keetu keessa kootii ka’ee
Na dudubachiisaa sababa naa ta’ee
Isa yoon jedhellee callisuu hin danda’uu
Walumaa galattii galanni saa ga’uu

Wanta baayyee isaa ilaalee ta’uu didnan itti abdii kutee falas dhabee of irra gad ta’ee
Darbee deemuuf riqichii dhibee tarkaanfachuuf hamilee dhibee gaafa guyyaan nattii dukkanaa’ee
Tarkaanfachaa naaf dhufte ariifattee labsii nagaa narratti narratti labsitee
Moofaa gaddaa narraa tatarsaastee waanjoo du’aa anarraa cabsitee

Siif ammayyuu an galatan qabaa
Siif ammayyuu kunoo weedduu haaraa
Ssif ammayyuu ani of hin qusadhuu
Galatakoo an sitti hin waakkadhuu x4
Waaqessuu koo an sttii hin waakkadhuu x4
Faarfachuu koo an sitti hin waakkadhuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *