Haala ulfaataa keessa taa’ee
Ijaa koo fannoo keerra kaa’ee
Gara gaarakee na yaachisaa
Akkasumaan na gammachiisaa

Afuurri waaqayyoo afuuraa nagaatii
Kan boqonnaa kan aara galfiitii
Namni isa qabuu hoomattuu hin hirraatuu
Hin lalisaa beela’u hin dheebotuu.

Haala yeroo ilaaltee mucaa koo hin na’inii abdii hin kutatiinii
Si buusuu si dhiisuu si wajjinan jira hoomaa hin sodaatiinii
Jedhee na jabeessaa abdii natti odeessaa afurrikee
Kanaaf sin faarfadhaa keessi koo nagaadha galata kee

Isa naaf dubbatu sin qaba abbaa gaarii×2
Kan natti hin jabaanne si qaba abbaa gaarii×2
Waa’ee koof kan falmuu sin qaba abbaa gaarii×2
Waa’ee koof kan dhimmuu si qaba abbaa gaarii×2

Ati akka nama natti hin jijjiiramtuu gaariidha yaadni kee yeroo maraa
Lubbuu kee gararraa darbaa na jaallattaa amalakee kanatu na mararaa
Yaa garaa abbuummaa isa kan kee kana garaa koo na raasee na mooggessee
An sittan adda hin ba’uu si faanan jiraadha wanta biyya lafaa itti dhiisee

Taatarreesse hundasaa toora naqee
Gaaffii hedduu fideen dhufee fuula kee
Garuu yoommuun si arguu nan dagadhee
An fayyeera jedheen galateeffadhee

Eda si arganii gaaffiin hin jiru
Eda di arganii boo’uun hin jiru
Eda si arganii wawwachuun hin jiru

Bara baayyee na joorsee natti ulfaate gaaffiinkoo
Akka waan fagoo jirtuu na qallate miillikoo
Hadhaba keessa taa’ee anaa boo’u abdii kutee
Utuun halalaa eeguu na keessaa natti haasofte

Imalakoo dhiiseen kan kee jalqabee
Gaaffii irraafadheen isan itti obsa dhabee
Mi’aa jaalala kee sanan liqimfamee
Gaaffiikoo irraanfadheen galataan guutamee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *