Bishaan kattaa keessaa futtaafachiiftaa
waan hin jirree gara jiraatti waamta
lafee lafa onaa lubbuu ni deebiftaa
milluu kee tokkittin dachee rommisiiftaa

Eyyee eyyee ni amannaa
humnaa waaqa keenyatti ni amannaa

Utuu nu balleessuu barbadee eeyyee
dinqii kana hundumaa nutti hin argisiisuu ture
ijaaramaa deemnaa kakuu keenya dhaalaa
akka nuu barsiisee isatu nuuf lolaa

Eyyee eyyee ni amannaa
humnaa waaqa keenyatti ni amannaa

Ulfina keetiif maaltu hin bitamuu
gaalanni qoora garri hin socho’aa
yommuu ati kaatu tulluun raafamee
Macci hundinuu gadi gadi jedhaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *