Biyyi lafaa yeroo burjaajoftuu
Waan qabdee gadhiiftuu wallaaltuu
An mucaan kee harka keerran jiraa
Kattaa koo si keessa dhokadheeraa
Si qabaadhee natti hin bitaacha’uu
Nagaan koo tasumaa hin boora’uu
Eebba koo gammachuu koodha ati
Lubbuun koo si galateeffatti

Isa ta’eef sin galateeffadhaa
Isa hin taanefis sin galateeffadhaa
Jiraachuu koofis sin galateeffadhaa
Waan hundumaaf sin galateeffadhaa

Kanan dhabee sanan dhabee hin jedhuu
Hirrina koo taa’eetoo lakkaa’uu
Ati haala koo ol gararraa jirtaa
Jireenyaa koo boorif boorif hin yaada’uu
Yaada keetiin qabameeraa
Kan naaf ta’u hundumaa ni beektaa
An cal jedheen si waaqessaa
Waanti gaariin hunduu na argataa

Dhimmaa koo siifan dhiisee
Waa’ee koo hundumaa
Situ na uumeen anaan
Si’iim abbaan koo jiraachisaan koo
Qabeenyaa dhuunfaa koo

Kan naaf ta’e hundisaa karaa kee naaf ta’ee
Si wajjiin jiraadhee
Ani nagaadhaa eyyeen nagaadhaa
Si qabaachuum ga’aadhaa

Wanta har’aa mul’atee
Bor baduuf jiru sin madaaluu
At na eebbifteettaa eebba waaqarraan isa caaliin
Yesuus koo naaf caaltaa
Waan hundumaarraa na marartaa
Eebbi koo si keessaa
Gammaachuun danuus na qubsiteettaa

Salphinni nan beekuu
Lakkii yelloon nan arguu
Si wajjiin mo’eeraa
Mirga abbaa taa’eeraa
Eebbifameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *